Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni Shamarranii qormaata fudhachuuf Yuunivarsiitii erga seenanii booda dahan yeroo itti aanu akka qoraman carraan laatame

Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Barattoonni Shamarranii qormaata fudhachuuf Yuunivarsiitii erga seenanii booda daa’ima dahan yeroo itti aanu kan qoraman ta’uu Tajaajilli Madaallii barnootaa fi Qormaatilee beeksiise.

Barattoota kanneeniif haala qabatamaa jiru yaada keessa galchuun sirni qormaataa kan qophaa’uuf ta’uu tajaajilichi ibseera.

Barattoonni shamarraniin kunneen Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boruu eegalee laatamu kan isaan hin ilaallanne ta’uu himeera.

Yeroo itti aanu akka barataa idileetti akka qoraman carraan laatamuufii tajaajilichi himeera.

Bu’uura qajeelfama darbeen barattoonni kunneen qormaata marsaa jalqabaa qoramuu kan hin dandeenye ta’uu hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.