Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni sababa rakkoo nageenyaan qormaata kutaa 12ffaa hin qoramne Fulbaana 8, 2016 eegalee kan qoraman ta’uu ibsame

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC) – Barattoonni sababa rakkoo nageenyaan qormaata kutaa 12ffaa hin qoramne Fulbaana 8, 2016 eegalee kan qoraman ta’uu Tajaajilli Maaddaallii Barnootaa fi Qormaatilee beeksiise.

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015 Adoolessa 19 – 28, 2015 marsaa lamaan laatamuun kan yaadatamuudha.

Yaa ta’uutii naannoo Amaaraa Godina Gondarii fi Naannoo Gaambeellaatti sababa rakkoo nageenyaan barattoonni kumni 14 fi 891 akkasumas, kanneen to’annoo seeraa jala turan barattoonni 419 qormaata biyyaalessaa kana osoo hin fudhatin hafuu tajaajilichi ibseera.

Haaluma kanaan qormaatichi Fulbaana 8 -11, 2016 kan laatamu ta’uu eeruu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Bu’aan qormaatas barattoota marsaa jalqabaa qoraman waliin kan ifoomu ta’uu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.