Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa 2ffaa fudhatan gara maatii isaanii deebi’aa jiru

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015 (FBC) – Barattoonni Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa 2ffaa fudhatan gara maatii isaanii deebi’aa jiraachuu ibsame.

Barattoonni Yuunivarsiitii Arsiitti qormaata kutaa 12ffaa Saayinsii Uumamaa marsaa 2ffaan fudhataa turan xumuruun gara maatii isaaniitti deebi’aa jiru.

Qormaatichi rakkoo tokko malee nagaan xumuramuu isaa barattoonni kunneen Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Yuunivarsiitii Arsiitti Daarektarri Qulqullina Barnootaa fi miseensi koree qormaataa Obbo Naafyaad Tolaan, qormaatni marsaa lamaan yuunivarsiitichatti kennamaa ture nagaan xumuramuu ibsaniiru.

Adeemsa turerraa muuxannoo guddaan argamuu himaniiru.

Bifuma walfakkaatuun Yuunivarsiitii Dambi Doolloo, Samaraa, Hawaasaa, Gaambeellaa fi Walaayittaa sooddootti qormaanni laatamaa ture nagaan xumuramuun barattoonni gara maatii deebi’uuf adeemsarra jiraachuu ibsameera.

Yuunivarsiitii Dambii Doollootti barattoonni kumni 13 ol Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa 2ffaa qoramaa turan haala gaariin xumuruun gara maatiitti deebi’uuf adeemsarra jiraachuu ibsameera.

Yoonaataan Biraanuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.