Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni kutaa 5ffaa olii midhaan sassaabbiif gara maatiitti akka deebi’an murtaa’e

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC)- Barattoonni kutaa 5ffaa olii naannawaa midhaan sassaabbiif gahe jiran Sadaasaa 11-15, 2016’tti kanneen naannawaa midhaan gahe jiraatan hojii oomisha sassaabuuf gara maatiitti akka deebi’an Biiroon Barnootaa Oromiyaa murteesse.

Biirichi, waqtiin kun yeroo sassaabbii oomisha qonnaa gahee tahuu fi roobni waqtii hineegganne roobaa jiraachuu ibseera.

Haaluma kanaan, qisaasama midhaanii sababa roobaan uumamuu malu hambisuuf, barattoonni naannawaa midhaan bilchaatee gahee jiraatan, gara maatii isaaniitti deebi’uun midhaan akka sassaaban dhaamuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Manneen Barnootaas wayita barattoonni mana barnootaatti deebi’an wayiitii barnootaa sababa kanaan qisaasa’e sirnaan akka bakka buusan Biiroon Barnootaa Oromiyaa hubachiiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.