Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni kutaa 12ffaa waraanaa fi walitti bu’iinsa keessatti qormaata fudhatan jechuun adda baafaman bara kana qormaata ni fudhatu jedhame

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Barattoonni kutaa 12ffaa waraanaa fi walitti bu’iinsa keessatti qormaata fudhatan jechuun adda baafamanii fi qabxii seensa Yuunvarsiitii hin fidiin hafan bara kana akka barataa idileetti kan qoraman ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministeerri Barnootaa fi hoggantoonni Biirolee Barnootaa naannolee fi bulchiinsota magaalaa ibsa miidiyaaleef kennaa jiru.

Ministeerichi biirolee barnootaa fi bulchiinsota magaalaa waliin mari’achuun murtoo lama dabarsuu ibsameera.

Murtoon jalqabraa dandettii barattoota simachuu yuunvarsiitiiwwan mootummaan haala haqa qabeessa ta’een barattoota naannolee arfan (Oromiyaa, Amaaraa, Afaar fi Beenishaaangul Gumuzitti) sababa waraanaan miidhamaniif qooduu kan jedhu ta’uu eerameera.

Murtoon 2ffaan barattoota waraanaa fi walitti bu’iinsa keessa taa’uun qorumsa fudhataniiru jedhamanii adda baafa,manii fi qabxii seensa yuunvarsiitii hin fidiin hafan qorumsa kutaa 12ffaa bara 2014tti laatamu akka barataa idileetti qoramuu akka danda’an murteeffamuu ministeerichi ibseera.

Hangi barattoota qormaata seensa yuunvarsiitii bara 2013 fudhatan baayyachuun, qormaatichi marsaa 2 laatamuun, waraqaalen qorumsaa qorumsichi osoo kennamaa jiruu fi  hin kennamiin dura miidiyaa hawaasummaarra naanna’aa turuun, deebii qorumsaa qabna qaamoleen jedhan miidiyaa hawaasummaarra heddummatanii turuun fi kanneen biroon rakkoolee mudatanii turan ta’uu ministeerichi yaadachiiseera.

Miniyichil Azzazaw fi Awwal Abarraatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.