Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni kutaa 12ffaa %97.5 qormaata biyyaalessaa fudhataniiru-Ministeericha

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC)- Barattoota kutaa 12ffaa qormaataa fudhachuuf galmaa’an keessaa %97.5 qormaata biyyaalessaa fudhachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Ministeerichaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan xumuramuu qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf barattoota galmaa’an kuma 701 fi 749 keessaa %97.5 qormaaticha fudhachuu ibsan.

Kanneen hafan sababoota garaagaraan barnoota isaanii duubatti hafanii eegaluurraan kan ka’e qormaaticha fudhachuu akka hindandeenye dubbatan.

Naannoo Tigraayitti qormaanni kutaa 12ffaa kennamaa ture har’a ganama xumuramuu eeruun, qormaatichi sadarkaa biyyaalessaatti milkaa’inaan xumuramuu beeksisaniiru.

Barattoota qormaaticha fudhatan keessaa kuma 29 fi 718 oonlaayiniin qoramuus kaasan.

Qormaatichi oonlaayiniin yeroo jalqabaaf kan kenname ta’uun, fuulduratti qormaata kennamuuf muuxannoo fooyya’aan horatamuu dubbataniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.