Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni kumni 36 fi 409 qormaata darbaniiru-MB

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)- Barattoota qormaata Biyyaleesaaa Kutaa 12ffaa fudhataan keessaa barattoonni kuma 36 fi 409 (%5.4) darbuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Ministeeraa Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan firii qormaataa biyyaalessaa kutaa 12ffaa 2016 ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, barattoota qormaaticha fudhachuuf galmaa’an kuma 701 fi 749 keessaa barattoonni kuma 684 fi 205 qormaaticha fudhachuu kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan firii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa 2016 ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, barattoota qormaatichaa fudhachuuf galmaa’an kuma 701 fi 749 keessaa barattoonni kuma 684 fi 205 qormaaticha fudhachuu eeraniiru.

Barattoonni kuma 29 fi 736 qormaatichaaa oonlaayiniin fudhachuu himaniiru.

Bu’aan qabxii baranaa kan waggoota lamaan darbaniin yoo walbira qabamuu fooyya’aa ta’uu kaasaaniiru.

Qabxii olaanaan galmaa’e 675 kanneen qormaata 700 keessaa qoraman yoo ta’u, kanneen 600 keessaa qoraman Saayinsii Umamaan 575, Saayinsii Hawaasaan ammoo 538 qabxii olaanaan akka galmaa’e ibsaniiru.

Manneen barnootaa kumni 1 fi 363 barataa tokkooyyuu hin dabarsine ta’uu Pirofeesar Birhaanuun himaniiru.

Barattoonnis qabxiiisaanii halkan keessaa sa’aatii 6:00 irraa eegalee ilaallachuu akka danda’an ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.