Barattoonni godina Arsii lixaa qormaata seensaa dhaabbilee barnoota olaanoof qophii gahaa taasisaa jiraachuu himan
Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- Barattoonni godina Arsii Lixaa qormaata seensaa dhaabbilee barnoota olaanoof qophii gahaa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Barattoonni godinicha qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanoo guutuu biyyatti Onkololeessa 29, 2014 kennamuuf qophii taasisaa jirra jedhan.
Godinichatti waliigalan, manneen barnoota 871, Ifaa Boruu 4, Bu’uura Boruu 159 fi manni barumsa bultii adda tokko tajaajilaa barnoota idilee laachaa jira jedhu itti gaafatamaan waajjira barnoota godina Arsii lixaa gargaraan proofesaraa Jaamal Shankoon.
Manneen barnoota kanneen keessatti barattoonni kumni 700 ol barnoota idilee hordofa jiraachuu himaniiru.
Godinichatti bara barnoota 2014’f barattoonni kumni 12 ol qormataa seensa dhaabbilee barnoota olaanoo ni fudhatuun eegamaa.
Godina Arsii lixaatti barattoota qormaata seensa dhaabbiilee olaanoo fudhachuuf qophii irra jiran keessaa barattoonni shamarranii kuma 4 fi 582 yoo ta’an, barattoonni dhiira kuma 7 fi 483 qormaticha ni fudhatu jedhan gargaraan proofesar Jaamal.
Qormatichis buufataalee qormaata 54 keessaatti kan laatamu ta’uu himameera.
Tamsa’iina vaayrasii koroonaa ittisuuf talaalliin manneen barnoota godinicha keesaatti kennamaa jiraachuu ibsameera.
Gammachuu Beekumaatu gabaase
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii
https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.