Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni eebbifamoo 2012 Yuunvarsiitii Addigaraat Yuunvarsiitii Maqaleetti ni eebbifamu

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC)- Barattoonni Yuunvarsiitii Addigaraat Yuunvarsiitii Maqaleetti Muddee 30 hanga Amajjii 1tti gabaasa dhiyeessuun barnoota akka eegalan murtaa’eera.
Barattoonni fayyaa ammoo Yuunvarsiitii Maqaleetti kaampaasii Aydaar akka galaniis ibsameera.
Itti gaafatamaan waajjiraa ministeera saayinsii fi barnootaa olaanoo obbo Dassaleeny Saamu’eel dhimmicharratti ibsa laataniiru.
Barattoonni Yuunvarsiitii Maqaleetti barnoota isaanii akka xumuraan murtaa’ee barattoota eebbifamoo bara 2012 Yuunvarsiitii Addigaraat ta’uu ibsameera.
Obbo Dassaleeny Saamu’eel, murtichi kan darbe Yuunvarsiitii Addigaraatitti hanga suphaan meeshaleen labraatoorii, neetwoorkii xumuramanitti ta’uu himaniiru.
Barattoonni yuunvarsiitii Maqalee kampaasii lamaanitti ramadamaniis Amajjii 2 barnoota akka eegalan murta’eera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.