Baratoonni Yunvarsiitiiwan Naannoo Tigraayii fi Waldiyaatti barachaa turan Yuunvarsiitii birootti akka baratan murtaa’e
Finfinnee, Onkololeessa 9, 2014 (FBC) Sababa rakkoo nageenyaa gareen Shororkeessaa ABUT uumeen baratoonni Yunvarsiitiiwan Naannoo Tigraayii fi Waldiyaatti barachaa turan Yuunvarsiitii birootti akka baratan murtaa’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Barattoota kunneen yeroof Yuunvarsiitiwwan birootti akka baratan hojiin galmee fi ramaddii kan raawwatamu ta’uu ibsameera.
Barattoonni Yuunvarsiitiiwwan Naannoo Tigraayii fi Waldiyaatti barachaa turan ragaa barnootaa isaanii qopheeffachuun har’aa eegalanii galmaa’uu kan danda’an ta’uu ibsamuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.