Fana: At a Speed of Life!

Baranas ummatni dhaabbii biqiltuurratti Xiiqiin hirmaatee biyya laliste dhaloota dhaalchisuu qaba waamichi dhiyaate

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Ummannii Naanoo Oromiyaa baranas akkuma kanan duraa dhaabbii biqiltuurratti xiiqiin hirmaatee biyya badhaatee fi laliste dhaloota dhaalchisuuakka qabu Pireezidaantiin naannoo oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan waamicha dhiyeessan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Harargee Bahaa, Aanaa Giraawaa, Araaddaa Tulluu Geeyleetti, Ittaanaa Mummee Ministeeraafi Ministeera Haajaa Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnon waliin jalqabsiisuu gama miidiyaa hawaasumma aisaniin himaniiru.

Mata duree ‘Egeree keenya har’a haa dhaabnu’ jedhuun biqiltuu biiliyoona 4.5 kan dhaabamu ta’uu kaasaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, diinagdee jijjiirama qilleensaa dandamatuu ijaaruuf gahee murteessaa kan qabu ta’uu ibsanii, mootummaan naannichaas waggoottan darban kutannoo olaanaan hojjechaa turuu yaadachiisan.

Waggoottan 4 darban biqiltuun biiliyoonni 13 ol kan dhaabbate yoo ta’u, isaan keessaas % 84 latuu himaniiru.

Baranas guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 4 ol kan dhaabbatu ta’a jedhan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti waggoottan afran darban dhaabaman keessatti hirmaannaan ummata naannoo Oromiyaa Olaanaa ta’uun eeruun, baranas akkuma kana duraa xiiqiin hirmaatee biyya badhaatee fi laliste dhaloota dhaalchisuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.