Fana: At a Speed of Life!

Barana Mallattoon Daldala Bunaa sadii ni kennama-BDO

Finfinnee, Eebla 9, 2015 (FBC)- Naannawaa Bunni bal’inaan Oomishamutti Mallattoo Daldala Bunaa sadii kennuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi, kanaan dura godinaalee buna oomishuun beekaman Buunnoo Beddelleetti mallattoo daldala bunaa 2, Iluu Abbaa Booritti mallattoo daldala bunaa 1, Jimmaatti sadii, Arsii Lixaatti 1 kennuu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Jambaruu Abbaabaa himaniiru.

Obboo Jambaruun Faanaa Biroodkaastiingi Korporeetiif ibsa kennaniin, barana naannawaalee oomisha bunaan beekaman, godinalee Baalee, Harargee, godinaalee Gujii lameeniitti mallattoolee daldala Bunaa kennuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Mallattoon Daldala Bunaa akkaataa amala, dhandhamaa fi argama naannawaa bunichaarratti bu’uureffachuun akka kennamu kan himan Obbo Jambaruun, kun oomishtoota bunaa qonnaan bultoota fayyadamaa akka taasisu dubbataniiru.

Keessumaa mallattoo daldalaa bunaa kennuun gabaa biyyaa keessaa fi gabaa biyya alaa dafee akka seenuu fi dorgomaa taasisuuf gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.

Dabalataan, bunni naannawaa tokkotti beekamu naannawaa biraa geeffamuun akka yakki ittiin hinhojjetamneef wabii seeraa akka qabaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Mallattoolee daldala Bunaa beekamoo gama kennuun hanqinaaleen duraan turuu fi guutummaatti akka hinfuramne kan yaadachiisan Obbo Jambaruun, waggoota lamaa as garuu Mallattoolee Daldala Buna gama kennuun hojiilee fooyya’aan hojjetamuu kaasaniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.