Fana: At a Speed of Life!

Barana lafa hektaara miiliyoona 3.2’rratti misoomni sululaa ni gaggeeffama-BQO

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC)- Barana lafa hektaara miiliyoona 3.2’rratti misoomni sululaa kan gaggeeffamu ta’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi, Yuunivarsiitii Haramaayaa waliin ta’uun misooma sululaa baranaa jalqabsiisuuf ogeeyyii qonnaaf leenjii kennuu eegaleera.

Waltajjii leenjichaarratti Ittaanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eliyaas Kadiir, hojii misooma sululaa kanaan dura hojjatamaniin bu’aan gaariin mul’achaa jiraachuu dubbataniiru.

Bara kanaas lafa heektaara miiliyoona 3.2 irratti sululoota kuma 6 fi 465 ta’an kan hojjetamanii fi hojicharrattis hawaasni miiliyoona 9.7 kan hirmaatan ta’uu eeraniiru.

Akka Oromiyaatti duulli misooma sululaa bara 2016 walakkeessa baatii Amajjii irraa eegalee kan gaggeeffamu ta’uus ibsaniiru.

Kadiir Shamsaddiintu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.