Barana guddina oomishaa biyyaa keessaa fooyya’aatu eegama-Ministeericha
Finfinnee, Guraandhala 6, 2015 (FBC)- Barana guddina oomisha biyya keessaa fooyya’aan akka eegamu Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa beeksise.
Ministeerichi raawwii hojii baatiiwwan ja’an darbanii Diinagdee Gooroo fi dameewwan isaa irratti gabaasaa baaseera.
Haaluma kanaan guddina oomisha biyya keessaa fooyya’aan akka eegamu eeruun guddinni damee qonnaa %6.3, Indaastiriin %8.2, damee tajaajilaan %7.5 kan eegamu ta’uu raageera.
Damee qonnaan oomishi midhaanii %6.7 fi oomisha beeyladaan guddinni %5.7 akka eegamu ibsameera.
Kana malees damee indaastiriin guddinni indaastirii oomishaa %10.6 fi damee konistiraakshiniin guddinni %7.1 akka galmaa’u raageera.
Damee tajaajilaan daldalli jumlaa fi qinxaaboo %8.1 akka eegamu ibsameera.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.