Fana: At a Speed of Life!

Barana dhiigni Yuunitiin kumni 350 ol walitti qabameera-Tajaajilicha

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC)- Barana sadarkaa biyyaalessaatti dhiigni yuunitiin kumni 350 ol walitti qabamu Tajaajila Baankii Dhiigaa Itiyoophiyaa beeksise.

Guyyaan arjooma dhiigaa Addunyaa yeroo 20ffaaf Magaalaa Shaashamanneetti kabajameera.

Daarektarri Itti Aanaa Tajaajila Baankii Dhiigaa Itiyoophiyaa Obbo Habtaamuu Taayyeen sagnticharratti arjooma dhiigaa yeroo Gannaa xiqqaachuun hanqinni dhiigaa akka hinmudanneef sosochiin arjooma dhiigaa taasifamaa jiraachuu dubbatan.

Ganna kana hojii tajaajila tola ooltummaan dhiiga yuuniitii kuma 120 walitti qabuuf karoorfamuus ibsan.

Tajaajila Baankii Dhiigaa Oromiyaatti Ogeettiin Tajaajiila Baankii Dhiigaa Aadde Samiiraa Umar gama isaaniin sosochiin arjooma dhiigaa sadarkaa Oromiyaatti kan gaggeeffamu ta’uu eeran.

Yeroon kun yeroon manneen barnootaa cufaman ta’uurraan hanqinni dhiigaa akka hinmudanne hojii tola ooltummaan dhiigni bakka bu’uu qaba jedhan.

Jamaal Kadiirootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.