Barana daa’imman kuma 7 ol maatii isaaniitti akka makaman taasifameera-Biiricha
Finfinnee, Waxabajjii 8, 2015 (FBC)- Barana daa’imman kuma 7 fi 352 sababa adda addaatiin guddistoota isaanii irraa adda bahan maatii isaaniitti akka makaman taasifamuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa beeksise.
Naannoo Oromiyaatti daa’imman 500 ol guddifachaa biyya keessaa argachuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa beeksise.
Itti Aantuu Hoggantuu Biirichaa Aadde Sarkaalam Saakumee barana daa’imman 542 maatii guddifachaa biyya keessaa akka argatan dubbataniiru.
Daa’imman kuma 7 fi 352 sababa adda addaatiin guddistoota isaanii irraa adda bahan tajaajila haaromsaa kennameefiin maatii isaaniitti akka makaman taasifameera jedhan.
Guddifachaan aadaa Oromoo ta’uu kan dubbatan hawaasni FBC’n dubbise aadichi akka dagaaguuf gahee keenya ni bahanna; daa’imman maatii dhabanis ni guddisna jedhaniiru.
Gama biraatiin daa’imman umriin isaanii barnootaaf gahe akka barataniif biirichi sagantaa deeggarsaa “Dabtara fi Qalama 1” jedhu eegalchiseera.
Jibriil Huseenii fi Xilaahuun Yilmaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.