Fana: At a Speed of Life!

Bara oomishaa bara 2014/15’f xaa’oo biyyee gara biyyaa galchuun eegalame

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)-  Bara oomishaa bara 2014/15’f xaa’oo biyyee gara biyyaa galchuun eegalamuu ibsame.

Dooniin xaa’oo meetirik toonii kuma 64 fe’e ganama har’aa buufata doonii Jibuutii ga’uu ibsameera.

Dooniin Diraaftziilaa jedhamu bara oomishaa 2014/15’f xaa’oo biyyee meetrik toonii kuma 64 fi 670 Moorookoo Joorf Laasfar irraa fe’e har’a ganama buufata doonii Jibuutii ga’uu himameera.

Torbanoota ittaananitti dooniiwwan lama xaa’oo fe’anii buufata doonii Jibuutii kan ga’an ta’uu ragaan Dhaabbata Geejjiba Galaanarraa fi Tajaajila Loojistikii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.