Fana: At a Speed of Life!

Bara oomishaa 2017/18’tti ruuzii alaa galu hambisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Bara oomishaa 2017/18’tti fedhii ruuzii biyya keessaa guutuun kan alaa galu hambisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa jijjiiramaa as raawwii imaammata, tarsiimoofi inisheetivoota garaagaraa cehumsa qonnaa irratti eegalamanii turan sirnoomsuufi oomishtummaa dabaluu irratti xiyyeeffachuun, cehumsa dinagdee caasawaa qabate dhugoomsuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus eerameera.

Galmoota gurguddoo afran mootummaan gama seektara qonnaatiin qabate keessaa tokko kan ta’e, inisheetiiviin omisha ruuzii bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jiraachuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Omisha kana inisheetivii ‘Maaddii Guutuu’ wal simsiisuun, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi oomishaalee alaa galan omisha biyya keessaan bakka buusuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Oromiyaatti, uwwisni misooma ruuzii bara oomishaa 2013/14 lafa hektaara kuma 20, bara oomishaa 2014/15 ammoo  godinaalee lixa Oromiyaa 7 keessatti lafa heektaara kuma 100 irratti misoomsuun callaa kuntaalli miiliyoonni  4fi kumni 300 argamuu yaadachiifameera.

Bara oomishaa 2015/16 innisheetivii ruuzii –‘Labsii Baddallee’ jedhuun, lafa hektaara miiliyoona 1 irratti misoomsuuf karoorfamee lafa hektaara miiliyoonaa  1ol irratti misoomsuun danda’amuu himeera.

Labsii kanaan godinaalee Harargee lamaan omisha midhaan nyaataarraa fagaatanii turan gara omishaatti galchuun, gammoojjiiwwaniifi lafa banaarratti bu’aa qabatamaan mul’achuu ibseera.

Mootummaan imala galma qabame dhugoomsuuf, akkasumas bu’aa argamaa jiru ariitiin dabaluuf bara omishaa 2017/18’tti, fedhii ruuzii biyya keessaa guutuun, kan alaa galu hambisuu hojjechaa jiraachuu kaaseera.

Yeroo gabaabaa keessattis oomisha ruuzii gabaa biyya alaatiif akka dhiyaatuuf xiyyeeffaannaa olaanaan hojjechaa jiraachuu eereera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.