Fana: At a Speed of Life!

Bara omisha 2016 Bunni kuntaalli miiliyoona 11.8 sassaabameera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)-Bara oomishaa 2016 bunni kuntaalli miiliyoona 11.8 sassaabamuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin inisheetiivii Alergiin hojiilee bunaa fi Muduraarratti hojjetaman irratti ibsa baasaniiru.

Ibsa isaaniin omishi qonnaa keenya gabaa idil addunyaa giddugaleeffachuun kan misoomu ta’a jedhaniiru.

Guutuun ibsa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo laafaa damee qonnaatiif kennamaa ture hundeerraa haaromsuun inisheetivoota walduraa duubaan jalqabeen milkaa’inoota heddu argamsiisaa jira.

Bu’uuruma kanaan, inisheetivoota baay’ina, gosaafi qulqullina omishaalee al-ergii dabalan labsuun hojiitti erga galee as, gama tokkoon fayyadamummaan qonnaan bulaa, gama biraatiin sharafni alaa argamu dabalaa jira.

Inisheetivoota kanneen keessaa misoomni bunaa, avokaadoo, baala shayiifi muuzii imala milkaa’inaa irratti argamu.

Bara kana biqiltuu avokaadoo sanyii filatamaa miiliyoona 17 dhaabbiif qophaa’e keessaa hanga guyyaa har’aatti biqiltuu miiliyoona 7 ol dhaabuun danda’ameera.

Hojiilee waggoottan shanan darban “Dikilaareeshinii Ada’aa”tii as raawwanneen, gosa avokadoo sanyii filatamaa gabaa idil-addunyaatti hedduu barbaadamaa ta’e lafa hektaara kuma 16 irratti misoomsinee jirra.

Karoora ganna kanaaf qabanneen, lafa hektaara kuma 25 irratti misoomsuun, uwwisa waliigalaa avokaadoo sanyii filatamaa al-ergiif ooluu gara hektaara kuma 41 oliitti kan guddisnu ta’a.

Gama biraatiin inisheetivii misooma bunaa bara 2011 erga labsinee as, baay’inaafi qulqullina omisha buna argamu irratti jijjiiramni guddaan dhufeera.

Bara 2015 biqiltuu bunaa biiliyoona 1.33 kan dhaabnee yoota’u, bara kana ammoo biqiltuu bunaa biiliyoona 2.5 qopheessinee jirra.

Kana keessaa hanga ammaati biqiltuu biiliyoona 2.1 dhaabnee jirra.

Akkasumas, bara omisha 2016 keessa bunni kuntaalli miiliyoona 11.8 sassaabbamee jira.

Galii sharafa alaa Doolaara biiliyoona 1.43 akka biyyaatti buna gabaa alaatiif dhiyeessuun argame keessaatti, hojiileen waggoota shanan darban naannoo keenyan raawwataman gahee olaanaa qabu.

Haaluma walfakkatuun, Labsii Inisheetivii Baala Shaayee Alleetiin, baay’inaafi qulqullina omishaa irratti guddina mul’dhatu galmeesisneerra.

Bara kanas, dachaa hedduun dabaluuf hojjechaa jirra.

Barichatti, biqiltuu miiliyoona 413 qopheessuun lafa hektaara kuma 30 irratti misoomsuu jalqabneerra.

Sharafa alaa Doolaara miiliyoona 2.1 alergii omisha bala shaayee irraa akka biyyaatti argame keessaattis, hojiin Labsii Allee booda raawwatame shoora guddaa taphate.

Dabalataan, inisheetiiviin biroo bu’aa argamsiisaa jiru, misooma muuzii (Dikilaareeshinii Iluu Galan, 2011)ti.

Inisheetivii kanaan, hunda dura, biqiltuu sanyii filatamaa muuzii sharafa mi’aadhaan biyya alaatii galaa ture dhaabbilee qorannoo qonnaa keenya keessatti misoomsuun hambisuu dandeenyerra.

Kanaanis, hanga bara 2015’tti sanyii muuzii Tiishuu Kaalchariin qophaa’e, lafa hektaara kuma 3 irratti kilaastaraan misoomsuu dandeenyerra.

Bara kana ammoo dachaa sadii oliin dabaluun, lafa hektaara kuma 10 irratti biqiltuu miiliyoona 17 ol dhaabnerra.

Raawwii kanaan, uwwisa muuzii sanyii filatamaa hektaara kuma 13, akkasumas uwwisa waliigalaa muuzii hektaara kuma 37 irraan qaqqabnee jirra.

Kana malees, omisha muuzii gabaa biyya keessatiif qofa dhiyeessaa turres, bara 2015 irraa eegallee, gabaa biyya alaattiif qaqqabsiisuu jalqabneerra.

Inisheetivoonni kunneen, gabaa biyya keessaa tasgabbeessuu qofa osoo hintaane, qonnaan bultoota gabaa idil-addunyaatiif dhiyeessaniifi dinagdee biyyaa irratti dadammaqiinsa gaarii umuu irratti argamu.

Walumaagalatti, omishti qonnaa keenya gabaa idil-addunyaa giddugaleessa taasisuun kan misoomu ta’a.

Milkaa’ina hanga yoonaa, ifaajjii qonnaan bultoonni keenya halkaniifi guyyaa taasisaniin argameef kabaja olaanaan qabu ibsaa, badhaadhinni maatiifi biyyaa guutumatti hanga mirkanaa’utti, mootummaan gama hundaan qonnaan bulaa keenya waliin kan dhaabbatu ta’uu carraa kanaan mirkaneessuun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.