Fana: At a Speed of Life!

Bara kana Xaa’oon uumamaa Meetir Kuubiin miiliyoonni 159 ol hojiirra oole – BQO

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC) – Bara 2016 Xaa’oon uumamaa Kompoostiin Meetir Kuubiin miiliyoonni 159 ol lafa hektaara miiliyoona 5.3 irratti hojiirra ooluu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Bara 2016 kompoostii idilee Meetiri kubii miiliyoona 150 qopheessuuf karoorfamee meetir Kuubii miiliyoonna 159 fi kuma 61 fi 907 qopheessuun lafa hektaara miiliyoona 5.3 irratti hojiirra oolfamuu biirichi ibseera.
Dabalataani Kompoostiin raammoo kuntaala miiliyoona 2 fi kuma 449 oomishuuf karoorfamee kuntaala miiliyoona 2 fi kuma 729 fi 672 oomishuun lafa hektaara kuma 90 fi 989 irratti hojiirra ooluu biirichi himeera.
Akkasumas Kompoostii siicoo Kuntaala kuma 270 fi 470 qopheessuuf karoorfamee kuntaala kuma 422 fi 259 qopheessuun lafa hektaara kuma 7 olirratti hojiirra ooluu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.