Fana: At a Speed of Life!

Bara kana oomishtummaa fooyya’aa galmeessuuf hirmaannaa cimaa barbaachisa-Dooktar Abiy

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC)- Bara kana sagantaa Maaddii guutuun oomishtummaa fooyya’aa galmeessuuf hirmaannaa cimaa akka barbaachisu ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad akeekan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin Maaddii Guutuun sagantaa biyyaalessaa oomisha aannanii, lukkuu, killee, dammaa, qurxummii fi foonii fooyyessuuf hojiirraa oolaa jiru ta’uu ibsan.

Itiyoophiyaattii bara darbee oomishni aannanii, lukkuu fi foonii akkaataa karoorfameen fooyya’iinsa argisiisuus himaniiru.

Bara kanas oomishtummaa fooyya’aa argamsiisuuf hirmaannaa cimaa akka barbaachisuu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.