Fana: At a Speed of Life!

Bara kana baay’inni uummata Addunyaa biiliyoona 8 kan galu ta’uu tilmaamame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Bara kana walakkeessa baatii Sadaasaatti baay’inni uummata Addunyaa biiliyoona 8 kan galu ta’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez Pilaaneetii keenya kunuunsuun itti gaafatamummaa waloo keenya haa ba’annu jechuu CGTN gabaaseera.

Heddummina kabajuun namoomaaf dursa kennuu qabna jechuus ibsameera.

Haala Kunuunsa Fayyaa Addunyaa ilaalchisee fooyya’iinsi jiraachuu ibsuun, qorichoonni umrii dheeressanii fi kunuunsi haadholii fi daa’immaniif taasifamu dabaluu isaatiin hangi du’aatii hir’achuu eeraniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Kutaan Dhimma Diinagdee fi Hawaasummaa lakkoofsi uummata Addunyaa bara faranjootaa 1950 irraa eegalee saffisa gadi aanaan guddachaa akka ture yaadachiiseera.

Bara faranjootaa 2030tti baay’inni lakkoofsa uummata addunyaa biiliyoona 8.5, bara 2050tti ammoo biiliyoona 9.7 akka ga’u kan tilmaamameera.

Bara 2080 keessa baay’inni lakkoofsa addunyaa biiliyoona 10.4 akka ga’u tilmaamni dhaabbatichaa ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.