Fana: At a Speed of Life!

Bara kana akka naannoo Oromiyaatti dareen dabalataa kumni 34 ijaaramuun bara barnootaa 2013’f tajaajila laachaa jira-obbo Addisuu

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC)- Mootummaan naannoo Oromiyaa bara barnootaa 2013tti baajata Birrii bIiliyoona 4.9 ramaduun damee barnootaan hojiiwwan addaa addaa hojjechaa jiraachuu Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti,Qindeessaan kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa himaniiru.

Jilli obbo Addisuutiin durfamu manneen barnootaa Ifa Boruu kutaalee Oromiyaa godinootaa fi bulchiinsa magaalaa akkasumas aanaalee keessatti ijaaramaa jiran daawwateera.

Guyyaa har’aas jilli kun godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat Ganda Callee Qilxuutti mana barumsaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa ijaaramaa jiru  daawwateera

Jiraattonni Aaanaa Boosat ganda Callee Qilxuus, kanaan dura sababa mana barnootaa sadarkaa 2ffaa dhabuutiin ijoolleen isaanii rakkoowwan hedduuf saxilamaa turuu himaniiru,amma garuu sagantaa mootummaan naannoo Oromiyaa baaseen carraa mana barnootaa sadarkaa 2ffaa argachuu isaaniif gammachuu itti dhagaa’ame FBCtti himaniiru.

Obbo Addisuun bakkichatti argamuun daawwannaa taasisaniin akka ibsanitti, mootummaan naanicha bara 2013tti baajata addaa Birrii biiliyoona 4.9 ramaduun manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa sagantaa Ifa Boruutiin 100 godinoota hundatti,manneen barnootaa Bultii Addaa 7 akkasumas godinoota 7 keessatti ijaaraa akka jiru ibsaniiru.

Bara darbe daree dabalataa kuma 30 ijaaruuf kan karoorfatame keessaa karooraa ol dareen dabalataa kumni 34 ijaaramuus obbo Addisuun ibsaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.