Fana: At a Speed of Life!

Bara haaraatti hojiileen fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan ni hojjetamu- Obbo Kadir Juhaar

Finfinnee, Qaammee 4,2014 (FBC)- Bara 2015tti hojiileen misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan kan hojjetaman ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Obbo Kadir Juhaar ibsan.

Obbo Kadir Juhaar bara haaraa 2015 ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Obbo Kadir ergaasaaniin, bu’uura waadaa wayita hundeeffama mootummaa galameen hojiileen gaaffilee uummataa bulan deebisuu danda’an hojjetamuu kaasaniiru.

Bara baajataa 2014tti piroojektoonni eegalamanii hin xumuramiin hafaniifi bara baajatichaatti eegalaman keessaa %95 xumuramuu eeraniiru.

Rakkoolee nageenyaa magaalichatti mul’achaa turan furuuf hojiileen hojjetaman bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu ibsaniiru.

Magaalicharra darbee kilaastara baadiyyaa magaalichaatti bu’uuraaleen misoomaa fayyaa, barnootaafi daandii babal’achuu dubbataniiru.

Hawaasni magaalichaa hirmaannaa misoomarratti taasisu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Uummata magaalichaafi Ityoophiyaa maraan baga geessan jedhaniiru.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.