Fana: At a Speed of Life!

Bara haaraatti galma qamadii gabaa alaatti dhiyeessuuf qabannetti dhiyaanneerra-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Bara haaraa eegalletti qamadii gabaa alaatti dhiyeessuuf galma qabannetti dhiyaanneerra jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Jilli Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu, Godina Shawaa Bahaa Aanaalee Dugdaa fi Booraatti qamadii kilaastaraan misoome daawwataniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, bara haaraa eegalametti qamadii gabaa biyya alaatti dhiyeessuuf galma qabannetti dhiyaachaa jirra jedhaniiru.

Naannoo Oromiyaatti qamadiin Aanaalee Dugdaa fi Booraatti kilaastaraan misoome abdii kan uumu ta’uu ibsan.

Godinaa Shawaa Bahaa qofaatti qamadii kuntaala miiliyoona 7 walitti qabuuf karoorfamuu eeranii, qonnaa ammayyeesuun bu’aa caaluu akka argamsiisuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.