Fana: At a Speed of Life!

Bara barnootaa dhufu barattoonni vaayirasii koroonaaf akka hinsaaxilamne qophiin godhamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) – Bara barnootaa dhufu barattoonni vaayirasii koroonaaf akka hinsaaxilamne qophiin godhamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Bara barnootaa 2013tti barattoonni vaayirasii koroonaaf akka hinsaaxilamne qophiin godhamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa dubbataniiru.

Galmeen bara barnootaa 2013 manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa boru Hagayya 20, 2012 kan eegalamu ta’uu Ministirichi beeksiseera.

Manneen barnootaas malleen ittisa vaayirasii koroonaa fayyadamuun galmeessuu akka eegalan heeyyamameera jedhan.

Haalli dhibichaa babal’achaa jiraatuus qophiin barnootaa fi sosochii eegaluun barbaachisaa ta’ee argamuus Ministirichi himaniiru.

Yeroo baruufi barsiisuutti galamu barattootaaf haalota mijataa uumuuf akka hojjetamu ibsanii; haguuggii, meeshalee harka ittin dhiqataniifi dhiyeessii kanneen fakkaatan qaamolee qooda fudhatootaa waliin ta’uun dhiyeessuuf qophiirra jiraachuus beeksisaniiru.

Barattoota barnoota idileen duraarraa kaasee hanga kutaa 12tti baratan barnoota seemisteera 2ffaa bara barnootaa bara 2012 barnoota hafe bakka bu’iinsa kennuuf yaadamuus Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa dubbachuusaanii Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.