Fana: At a Speed of Life!

Bara barnootaa 2016tti barattoota miiliyoona 11fi kuma 400 ol simachuuf qophiin taasifame – BBO

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2016tti barattoota miiliyoona 11fi kuma 400 ol simachuuf qophiin taasifamuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.

Galmeen barattoota Hagayyaa 23, 2015 gaggeeffamaa jiraachuu Sadarkaa hogganaa itti aanaatti gorsaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaan ibsaniiru.

Barattoonni yeroo qabameetti akka galamaa’aniif hojjetama jiraachuu dubbataniiru.

Biiroon Barnoota Oromiyaa qulqullina barnoota mirkaneessuuf wagggoottan lamaan darbanirraa eegale Inisheetiivii gara garaa hojiirraa oolche hojjechaa jiraachuu himan.

Bara barnootaa kana ulaagaa manneen Barnootaa kuma 3fi 410 foyyeessuuuf karoorfamee hanga torban kanatti manneen barnoota kuma 2fi 227 hojiin foyyeessuun danda’amuu ibsaniiru.

Nyaataa barattoota waliin walqabate qaamolee dhimmi ilaalltuu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeruu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.