Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaatti tajaajilli fe’iinsa goggogaa toonii miiliyoona 7.9 kennameera

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Tajaajila Gejibaa Galaanaa fi Loojistoksii Ityoophiyaa bara 2014’tti tajaajila fe’iinsa goggogaa toonii miiliyoona 7.9 kennuu beeksiseera.

Hoji Gaggeessaan Dhaabbatichaa Obbo Roobaa Magarsaa, raawwii karoora bara 2014 dhaabbatichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, bara baajatichaatti sababa weerara vaayirasii koronaa, waraanaa Raashiyaa-Yuukireeniin sadarkaa idil addunyaatti walbuusi daldalaa uumamuu eeran.

Keessumaa sochii daldala xaa’oo biyyee, sibiila, boba’aa, qamadii, boqqolloo, zayiitaa suufii fi kanneen biroo irratti walbuusi daldalaa mul’achuu yaadachiisan.

Kana keessatti Dhaabbanni Geejiba Galaanaa fi Loojistiksii Ityoophiyaa geejibsiisuudhaan, buufataalee fi tajaajila biroo walfakkataadhaan bara baajatichaatti tajaajila fe’iinsa goggogaa toonii miiliyoona 7.9 kennuu himaniiru.

Tajaajilli fe’iinsa kunis Buufataa Doonii Jibuutiitti kan kenname yoo ta’u, raawwiin karooraa dhaabbatichaa %92 milkaa’uu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.