Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaatti lammiilee miiliyoona 2.8’f carraan hojii uumamuu ibsame

Finfinnee, Qaammee 1, 2014(FBC)- Bara baajataa 2014tti lammiilee miiliyoona 2.8’f carraan hojii uumamuu Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamil ibsan.

Aadde Muufariyaat turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin, Ityoophiyaan akka biyyaatti haalota rakkisoo keessa taatus rakkoolee gara carraatti jijjiiruun carraa hojii bal’aa uumuun danda’amuu dubbataniiru.

Ministeerri Hojiifi Ogummaa humna namaa biyya keessaa ogummaan qindeessuuf hojiilee garaagaraa sirna barnootaa keessa galchuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Leenjiiwwan kennaman jaalala biyyaafi jabaatanii hojjechuu kan walitti hidhaniifi lammiileen miiliyoona 2 ta’an leenjiiwwan yeroo gabaabaafi idileen fayyadamoo kan ta’an ta’uu eeraniiru.

Bobbii hojii biyyoota alaa ilaalchisee, baatiiwwan darbanitti adeemsa leenjiirraa eegalee hanga bobbii jiru sakatta’uun hojiimaata isaa jijjiiruuf yaaliin taasifamuu dubbataniiru.

Adeemsi bobbii hojii biyyoota alaa kanaan dura sadarkaalee 28 kan darbeefi yeroo ammaa gara sadarkaa 14tti gadi deebisuun danda’amuu ibsuun, yeroo itti aanutti sadarkaa 14 irraa gadi buusuuf kan hojjetamu ta’uu dubbatan.

Hojiin giddugaloota tajaajila bobbii hojii biyyoota alaa kennan babal’isuu hojjetamaa jiraachuu kaasuun, giddugalli tajaajila kenniinsa bobbii hojii biyya alaa haaraa ijaarame yeroo dhiyootti gara hojiitti kan seenu ta’uu ibsaniiru.

Lammiileen gara biyyoota alaatti bobba’an qophii xiin-sammuu gahaa akka taasisan, beekumsaafi ogummaa biyyoota itti bobba’anii akka qabaataniif dhaabbilen ogummaafi teekinikaa sirna barnootaa haaraa akka qopheessan taasifamuu dubbataniiru.

Dhimmi hojiifi ogummaa dhaabbata tokko qofaaf kan dhiifamu akka hin taaneefi hundi itti gaafatamummaa isaa akka ba’atu gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.