Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaatti lammiilee daandiirra jiraatan kuma 20 ol daandirraa kaasuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Bara baajatichaatti lammiilee daandiirra jiraatan kuma 20 fi 558 daandiirraa kaasuun gara jireenya idileetti deebisuun danda’amuu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen ibsan.

Ministeerichi bara baajataa 2014tti daa’imman kuma 6fi 267, haadholii ijoollee isaanii waliin  kuma 6 fi 83, maanguddoota kuma 4 fi 107, dargaggootaa fi ga’eessota kuma 4 fi 107 waliigala lammiilee kuma 20 fi 558 daandiirraa kaasuun gara jireenya idileetti deebisuun danda’amuu ergaa gama tiwiitara isaaniin dabarsaniin eeraniiru.

Yeroo ittaanutti rakicha maddasaarraa hiikuuf qaamolee dhimmamtootaafi hawaasa mara waliin hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Baankii Addunyaa dabaltee qaamolee tola ooltotaa biyya keessaa lammiilee jirenya isaanii daandiirra taasisan kaasuun gara jireenya idileetti akka deebi’an taasisuu keessatti ga’eesaanii ba’atan galateeffataniiru.

Guyyaa har’aas dhaabbanni tola ooltotaa ‘Bright Star’ daa’imman jireenya daandiirraa kaaafaman barnoota bu’uuraa sadarkaa 3ffaan waggoottan sadiif leenjisaa ture eebbisee arguutti gammaduu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.