Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaa Naannoo Somaaleetti galiin Birrii biiliyoona 7.26 walitti qabame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Naannoo Somaaleetti baraa baajataa 2014 galiin Birrii biiliyoona 7.26 walitti qabamuu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad ibsan.

Obbo Musaxafeen toora feesbuukii isaaniin akka ibsanitti, rakkoolee naanichaa turan dandamachuun, galiin walitti qabamuuf karoorfame %95.5 milkee’eera.

Waggoota jijjiiramaan afuran qofa galii Birrii biiliyoona 18.6 akka walitti qabame, kunis jijjiiramichaan dura waggoota 10’n turan keessa galii walitti qabame Birrii biiliyoona 10.9 caalmaa akka qabu ibsaniru.

Kunis ga’umsi raawwii mootummaa naannichaa cimuuf argisiistuu ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.