Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa darbe rakkoo birmadummaa Ityoophiyaa muudate qolachuuf hojii jajjabeessaan hojjetame – Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014 (FBC) – Bara baajataa darbe rakkoo birmadummaa Ityoophiyaa muudate qolachuuf hojiin hojjetame bu’aa qabeessa kan ture ture ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay ibsan.
Ministeerichi raawwii hojii bara baajataa xumuramee gamaaggamuun karoora bara 2015 irratti mari’ateera.
Balaa Birmadummaa Ityoophiyaa mudatee ture qolachuuf bara darbe hojiin bu’aa qabeessa ta’e hojjetamuu Dooktar Abrahaam eeraniiru.
Rakkoolee bara 2014 keessa turan maksuun bara baajataa 2015 hojiin caalu hojjetamuu akka qabu Dooktar Abrahaam dubbataniiru.
Qaamoleen marii kanarratti hirmaatanis bu’aa bara darbe argame cimsuun bara 2015 bu’aa caalu galmeessuuf mariin gaggeeffame bu’uura ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.