Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa 2015tti oomisha bunaarraa galii Doolaara biiliyoona 1.5 argamsiisuuf karoorfamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee Ityoophiyaa bara baajataa 2015tti oomisha bunaarraa galii Doolaara biiliyoona 1.5 argamsiisuuf karoorfamuu beeksise.

Daayrektarri Olaanaan abbaa taayitichaa Dooktar Addunyaa Dabalaa turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin, bara baajatichaatti buna toonii kuma dhibba 3 fi kuma 20 gara biyyoota garaagaraatti erguun karoora qabame milkeessuuf kan hejjetamu ta’uu dubbataniiru.

Bara baajataa xumurametti hojiimaatileen bu’aa qabeessummaa argamsiisan jiraatanis rakkooleen mul’atan jiraachuu eeruun, hojiimaanni rakkoolee mul’atan furuu danda’u diriirfamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojimaata oonlaayinii hanqinaalee gama dhiyeessitootaafi ergitootaa jiru duuchuu danda’u bara baajataa 2015tti hojiirra oolchuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Abbaan taayitichaa sharafa alaa oomisha bunaarraa argamu guddisuuf oomisharratti sona dabaluun erguuf xiyyeeffannoo kennee kan hojjetu ta’uu addeessaniiru.

Chaayinaa dabalatee biyyoota bunni Ityoophiyaa dhiyaatutti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu yaadachiisuun, biyyoota dabalataa 33 keessatti hojiin oomisha buna Ityoophiyaa beeksisuu hojjetamuu eeraniiru.

Oomishtummaa bunaa guddisuuf lafa heektaara kuma dhibba 4 olirraa biqiltuu buna dulloomee haaraan bakka buufamuu ibsaniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.