Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa 2015 magaaloonni Baadiyyaa 280 tajaajila Elektirikaa ni argatu jedhame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC) – Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa bara baajataa 2015 magaaloota Baadiyyaa 280 tajaajila Elektirikaa qaqqabsiisuuf hojjechaa jiraachuu beeksiise.

Hoggantoonnii fi itti gaafatamtoonni dameewwan hundaa kallattii hojii fi karoora bara 2015 irratti magaalaa Adaamaatti mari’ataa jiru.

Bara baajataa kana magaalootaa fi naannawaa baadiyyaa 280 fayyadamtoota Tajaajila Elektirikaa taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Injinar Shifarraaw Taliilaan ibsaniiru.

Maamiltoota miiliyoona 1.2 horachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Bara baajataa darbe magaaloota Baadiyyaa 204 fayyadamoo tajaajila Elektirikaa taasiisuun danda’amuu fi maamiltoonni haaraam kumni dhibbi 3 fi kumni 67 fi 466 horatamuu kaasaniiru.

Sababa weerara garee Shororkeessaa ABUT bara darbe dhaabbatichi Birrii biiliyoona 1.2 kasaaruu eeraniiru.

Bara baajataa 2015 Gurgurtaa Elektirikaa fi tajaajiloota adda addaarraa galii Birrii biiliyoona 43.1 walitti qabuuf karoorfamuu himaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.