Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa 2012tti aggaammiiwwan saaybaraa 787 fashaleessuun danda’ameera

Finfinnee, Hagayya 18, 2012 (FBC) – Bara baajataa 2012tti aggaammiiwwan saaybaraa 787 fashaleessuu isaa Eejansiin Nageenya Infoormeeshinii beeksise.
 
Itti aanaan daayreektara olaanaa eejansichaa obbo Kafiyaalaw Tafarraan waajjirri isaanii aggaammiiwwan turan 1078 keessaa %73 yookin 787 fashalsuusaa beeksisaniiru.
 
124(%11.5) kan ta’aniif deebii laachuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, 167(%15.5) ammoo sababoota addaddaatin deebiin kan hin laatamneefidha.
 
Aggaammiiwwan saaybaraa turan keessaa 474 sooftiweerota maalweerin kan raawwataman yoo ta’u, 288 kan marsariitiiti.
 
104 kan bu’uuraalee misoomaa,188 siistama hin eeyyamamin seenuuf yaaluu, 22 bu’uuraalee misoomaa saayrbarii adda kutuu, 2 burjaajjii saaybaraatin kan raawwatamanidha.
 
Aggaammiiwwan %90 rakkoo hubannaa dhabuu namootatiin kan mudatanidha jedhan obbo Kaffiyaalaw.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.