Fana: At a Speed of Life!

Bara 2028’tti dinagdee dijitaalaa Oomishaa Waliigalaaf Birrii tiriiliyoona 1.3 gumaacha jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC)- Bara 2028’tti dinagdeen dijitaalaa oomisha waliigalaa Itiyoophiya Birrii tiriiliyoona 1.3 gumacha jedhame.

Waltajjiin marii diiagdee dijitaalaa Itiyoophiyaarratti xiyyeeffatee Itiyoo-teelekooii fi dhaabbata GSMA jedhamuu gaggeeffamaa jira.

Waltajjii marichaarratti Hoji Raawwachiistuu Olaantuu Itiyoo-Telekoom Firehiiwot Taammiruu, Qondaala Dhaabbata GSMA Joon Giyuustii dabalatee qaamoleen qooda fudhattootaa biroon hirmaataniiru.

Waltajjicharratti gabaasni ce’umsa diingdee dijitaalaa Itiyoophiyaa kan ifoome yoo ta’u, Itiyoophiyaatti invastimantiiwwan teeknooloojii moobaayilaa fi fooyyessiin telekoom, damee qonnaa, maanufaakchariingii, tajaajila ummataa fi dameewwan biroon guddina saffisaa galmeessaa jiraachuun eerameera.

Haaluma kanaan diinagdeen dijitaalaa Itiyoophiyaa bara faranjootaa 2028’tti omisha waliigalaa biyyattiif Birrii tiriiliyoona 1.3 akka gumaachu akeekameera.

Carraaleen hojii haaraan miiliyoona 1 ol akka uumamanii fi mootummaaf galii gibiraa Birri biiliyoona 57 akka argamsiisu gabaasichaan ibsamuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.