Fana: At a Speed of Life!

Bara 2023tti Oomishi waliigalaa biyyaa keessaa Doolaara biiliyoona 156 ol ga’a jedhamee eegama-TKM

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)-Bara 2023, Omishi waliigalaa Biyyaa keessaa Doolaara Biiliyoona 156.08 ga’a jedhamee kan eegamu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi sochii hawaas-diinagdee fi haala yeroorratti ibsa kenneera.

Ibsicha kan kennan Ministirri Tajaajila kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun akka jedhaniitti diinagdeen biyyattii daandii guddina haaraarraa jiru ta’uu fi, damechis gara guddina hunda galeessaatti ce’aa jiraachuu himaniiru.

Diinagdeen hunda galeessa dameewwan qonnaa, indaastirii, albuudaa, tuuriizimii fi dijitaalaan kan walitti hidhamee ta’uu kaasaniiru.

Haaluma kanaan bara 2023tti oomishi waliigalaa biyya keessaa Doolaara Biiliyoona 156 ol ga’a jedhamee eegama jedhan Dooktar Laggasaan.

Bu’aan kunis dhiibbaa alaa fi qormaataa biyyaa keessaan kan hinraafamnee hirmaannaa ummataan kan ijaaramuu ta’uu kaasaniiru.

Fuuldurattis, invastimantii babal’isuu fi aadaa qusannaa guddisuu, hanqinaa baajataa tattaaffii ofiin guutuu, qaal’iinsa jireenyaa tsgabbeessuu, carraa hojii babal’isuu, dhiyeessii sharafa alaa fooyyessuu, gabaa biyya kessaa ammayyeessuurratti kan xiyyeeffatamu ta’uu dubbataniiru.

Riifoormiin diinagdee biyya keessa marsaa 2ffaan kan eegalamee fi utubaalee afur irratti xiyyeeffachuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan diinagdee gooroo tasgabbeessuu, naannawaa invastmantii fi daldalaa fooyyessuu, oomishaa fi omistummaa dameelee fooyyessuun dorgomtummaa guddisuu, dandeettii raawwachiisummaa mootummaa cimsuu akka ta’e kaasaniiru.

Riifoormiin kunis ce’umsa gurmaa’insaa diinagdee waaraaf bu’uura akka ta’u abdatamuu kaasaniiru.

Seektaroonni mootummaa sadarkaan jiranis hojiirraa oolmaa isaaf tattaffii akka eegalan kallattiin kaa’amuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.