Fana: At a Speed of Life!

Bara 2017tti Barattoota miiliyoona 12 simachuun barsiisuuf qophiin taasifameera-BBO

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2017’tti barattoota miiliyoona 12 simachuun barsiisuuf qophiin xumuramuu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise.

Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa Obbo Girmaa Baayyisaan ibsa miidiyaaleef kennaniin galmeen barattootaa bara barnootaa 2017 Wiixata dhufu Hagayya 27, 2016 akka eegalu himaniiru.

Galmeen barattootaa kunis hanaga Qaammee 5, 2016’tti akka turu eeruun, barnoonni idileen Fulbaana 7, 2017 eegala jedhaniiru.

Barnoonni idileen manneen barnoota sadarkaa 1ffaa kuma 16 fi 351tti, sadarkaa 2ffaa kuma 13 fi 700’tti akka kennamus dubbataniiru.

Biirichi, hojii baruu fi barsiisuu naannicha milkeessuuf qophii barbaachisa taasisaa turuu himanii, kitaabileen barnootaa miliyoonni 2 ol akka raabsamuu fi manneen jireenyaa barsiisotaa ijaaramaniiru jedhan.

Bara barnootaa 2017 barnoota miliyoonaa 12 ol simachuun barsiisuuf qophiin xumuramuu himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.