Fana: At a Speed of Life!

Bara 2016 keessa adeemsa baruu fi barsiisuu karaa guutuu ta’een eegaluuf qophii ga’aan taasiifamaa jira – B/M/ Shaggar

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC) – Bara barnootaa 2016 keessa adeemsa baruu fi barsiisuu karaa guutuu ta’een eegaluuf qophii ga’aan taasiifamaa jiraachuu Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa magaalaa Shaggar beeksiseera.

Inisheetiviiwwan garagaraa qulqullina barnootaa mirkaneessan hojiirra oolchuuf tarkaaffiiwwan adda addaa eegalamuu ibsameera.

Magaalichatti bara barnootaa 2016 keessa barattoota kuma 304 fi 700 ol barsiisuuf karoorfamee qophiin duraa xumuramuu Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasahuun dubbataniiru.

Manneen barnoota Bu’ura boruu 32 ijaarsi isaanii jalqabuu fi manneen barnootaa moodeleessuuf karoorfaman keessaa 22 irratti hojiin eegalamuu Obbo Firakiyyaan ibsaniiru.

Barattoonni kumni 151 fi 500 ol sagantaa nyaataan akka hammataman karoorfamee hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Manneen barootaa gara Istaandardiitti fiduuf bu’uuraalee misooma barnootaa guutuu fi dhiyeessii galteewwan meeshaalee barnootarrattis xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Sirni barnootaa haaraan hojiirra ooluu hordofee hanqinni Walgitiinsa kitaabaa akka hin muudanne Biiroo Barnoota Naannoo Oromiyaa waliin walhubannaan hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Kenna Tajaajila lammummaan hojiin misooma barnootaa Birrii miiliyoona 187.6 olitti tilmaamamu raawwatamu Obbo Firakiyyaan turtii Faanaa Biroodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin himaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.