Fana: At a Speed of Life!

Bara 2016 Guddinni Diinagdee Itiyoophiyaa % 8.1 galmaa’eera-Dooktar Fitsuum Asaffaa

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) –bara baajataa xumurameetti guddinni diinagdee Itiyoophiyaa %8.1 galmaa’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsan.

Fooyyeessi Diinagdee Gooroo taasifame hojiirraa ooluun bara bajataa 2017tti Itiyoophiyaan guddina diinagdee dachaan akka galmeessituuf kan akeekuudha jedhan.

Dooktar Fitsuum bara baajataa xumurameetti Itiyoophiyaan guddina Diinagdee %8.1 galmeesisuu himaniiru.
Xiyyeeffannaan damee qonnaafi Indaastiriif kenname guddina waliigalaafi jijjirama oomishtummaa biyyaattiif gumaachaa olaanaa qabaachuus eeraniiru.

Haaluma kanaan dameelee diinagdee guguddoo Qonnaan %6.9 .Indaastiriin,%9.2, Tajaajilaan %7.7’n guddinni galmaa’uu ibsaniiru.

Bara baajataa 2017tti fooyyeessi Imaammata Diinagdee Gooroo hojiiraa ooluu isaan guddinni diinagdee Itiyoophiyaa dachaa lamaan galmaa’uu danda’aa jechuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.