Fana: At a Speed of Life!

Bara 2016 eegalee qormaanni seensa Digrii 2ffaa laatamuufi jedhame

Finfinnee, Adoolessa 20, 2015 (FBC) – Bara 2016 eegalee qormaanni seensa Digrii 2ffaa sagantaalee hundaan laatamuuf ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministeerri barnootaa sosochii waliigalaa qulqullina barnootaa sadarkaa biyyaatti eegale deeggaruuf sagantaa kan qopheessuu ibseera.

Hojiirra walfakkaatu kana oolchuuf Yuunivarsiitiiwwan dhuunfaa fi mootummaa hundaaf xaalayaan barreeffamuu ibsameera.

Yuunivarsiitiiwwan bara barnootaa 2016 barattoota digrii 2ffaaf barachuu barbaadaniif beeksisa baasuun hanga Fulbaana 10/2016tti beeksisuu akka qaban ibsamee jira.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.