Fana: At a Speed of Life!

Bara 2015tti oomisha Bunaarraa galii Doolaara biiliyoona 2 argamsiisuuf karoorfamuu ibsame

Finfinnee, Qaammee 4, 2014 (FBC)- Bara 2015tti daldala alaa bunaarraa galii Doolaara biiliyoona 2 argamsiisuuf karoorfamuu ibsame.

Bara baajataa darbetti daldala alaarraa galii Doolaarri biiliyoonni 4.2 argamuufi kanneen keessaa daldala alaa bunaarraa galii Doolaarri biiliyoonni 1.4 argamuu ibsameera.

Galiin argame gaarii ta’uufi bu’ichi akka galmaa’uuf hangi dhiyeessii dabaluun sababa ta’uu eerameera.

Milkaa’inicha itti fufsiisuuf Ministeerri Qonnaa, Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayeefi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon waliin hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Dadamaqina oomisha bunaarratti mul’ate warreen kaanirratti fiduuf oomishaalee alatti ergaman guddisuuf hojjetamaa jira jedhameera.

Oomishni qulqullina qabuufi hangi gabaan addunyaa barbaadu akka jiraatuuf  ministeerichi hojjechaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa dubbataniiru.

Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayee Ityoophiyaa Dooktar  Addunyaa Dabalaan, bara 2015tti buna toonii kuma dhibba 3 fi kuma 60 gabaa alaatti erguun galii Doolaara biiliyoona 2 argamsiisuuf karoorfamuu kaasaniiru.

Bara baajatichaatti oomisha bunaa dabalataan daaldala alaa oomishaalee midhaan zayitaafi midhaan dhedhiirraa galii Doolaara miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 95 argamsiisuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Waliigalatti bara baajataa 2015tti daldala alaarraa galii Doolaara biiliyoona 5.4 argamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.