Fana: At a Speed of Life!

Bara 2015 galiin Birrii biiliyoona 82 walitti qabameera

Finfinneen, Adoolessa 3, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaattii Dandeetti galii maddisiisu qorachuun galii diinagdee naannichaa Birrii Biiliyoona 78 ol walitti qabuuf karoorfameen, Birrii Biiliyoona 82 walitti qabuun akka danda’ame eerame.

Gabaasa raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 2015 Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan Caffeef dhiyeessaniiru.

Haaluma kanaan galii idilee Birrii biiliyoona 65.1, galii Mana Qopheessaa Birrii biiliyoona 11.2, galii keessaa Birrii biiliyoona 5.6, waliigalaan galii Birrii Biiliyoona 82 walitti qabuun akka danda’ame eeraniiru.

Waliigalaan baajata bara 2015 Birrii biiliyoona 172 ol hojiirra ooluu ibsaniiru.

Fedhii misoomaa, bal’inaa Oromiyaan qabduu fi rakkoolee jiraniin baajatni ramadamuu gahaa ta’uu baatus, yeroo yeroon baajatni naannichaa dabalaa dhufuu Obbo Shimallis kaasaniiru.

Damee tuuriizimii naannichaa cimsuuf hojiilee bal’aa hojjatamaaniin, Sagantaa “Imala Oromiyaa” jedhuun tuuristoonni biyyaa keessaa miiliyoona 9.5 fi kan biyya alaa kuma 237 naannichaa daawwachuu himaniiru.

Damechaanis galiin Birriin biiliyoonni 9.8 argamuu himaniiru.

Invastimantiiwwan dhuunfaa haaraa kuma 3 fi 605 kaappitaala Birrii Biiliyoona 186.5 galmeessan murtee eeyyamaa argachuu gabaasaa isaanii kan kaasan Obbo Shimallis, invastimantiiwwan kunneen carraa hojii kuma 679 kan uuman ta’uu ibsaniiru.

Gamaa biraatiin hojiilee tajaajilaa lammummaa naannichatti hojetamaniin tajaajilli lammummaa Birrii biiliyoona 72.2 tilmaamu hojjetamuu himaniiru.

Dabalataanis Buusaa Gonofaan miseensota miiliyoona 11.4 horachuun Birrii miiliyoona 1.4 walitti qabuun akkaa danda’ame kaasaniiru.

Buusii deeggarsaa walitti qabametti dabalataan midhaan nyaataa akaakuu garagaraa, uffannaa meeshalee manaa keessaa fa’aa hawasni deeggarsa taasisuun ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.