Fana: At a Speed of Life!

Bara 2014 qormaatilee keessoo fi alaatiin qoramnus hojiilee misoomaa milkaa’aa hojjenneera – Preezidaant Shimallis

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Bara 2014 qormaatilee keessoo fi alaatiin qoramnus hojiilee misoomaa milkaa’aa hojjenneera jedhan Preezidaantiin Shimallis Abdiisaan.
Preezidaanti Shimallis raawwii hojii bara 2014 irratti miidiyaaf ibsa kennaniiru.
Ibsa kennan kanaanis naannichi jijjiiramaa as waggaa shan akka waggaa 25’tti itti fayyadamna jedhuun karoora hiixataa rakkoo hawaas-dinagdee naannichaa furuu fi karoora badhaadhinaa milkeessuuf karoorfatee hojjetaa jiraachuu eeraniiru.
Hojiiwwan bara 2014 hojjetamaa turan qormaatilee keessoo fi alaatiin qoramaa akka turan kan ibsan, Obbo Shimallis, rakkoon nageenyaa kaaba biyyattii ,hongee godinaalee naannichaa 8 keessatti mudate ,dhibeen Covid-19, haalli qabtamaa addunyaa , rakkoon kenniinsa tajaajilaa fi caasaan Mootummaa ergama isaa adda durummaan bahuu dhabuu akkasumas hojiin shororkeessummaa humna Shanee qormaatoota akka turan eeraniiru.
Naannoon Oromiyaa qormaatilee kana keessa ta’uun qindoomina uummata naanichaatiin hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an hojjechuu himaniiru.
Bara 2014’tti naannichatti hirmaannaa Uummataa, dhaabbilee miti mootummaa fi baajata Mootummaa Birrii biiliyoona 42 oliin piroojektoonni kuma 20 fi 70’n ijaarsi isaanii xumuramuun eebbaaf gahuu isaanii himaniiru.
Milkaa’ina piroojaktoota kanneeniif galii naannichaa dabaluu, baajata qusannaan fayyadamuu fi piroojektoota ittiin xumuursiisuuf oolchuu ,hirmaannaa ummataa cimsuu fi sirna bulchiinsa piroojektii cimaa uumuutiin hojii milkaa’an hojjetamuu ibsaniiru.
Inisheetiivoota haaraa 17 hojiirra oolchuun xiyyeeffannaan hojjetamuu fi qamadii fi garbuu jallisiin misoomsuu, misooma avokaadoo fi misooma bunaatiin bu’aa gaariin galmaa’uu dubbataniiru.
Raawwii hojii bara 2014 keessatti bifa addaatiin hojii diinagdee cimsuu,barnoota fi sirna cimsuu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa turee ibsaniiru.
Sirna Mana Murtii Aadaa hundeessuu naannichatti hojiirra ooleen dhimmi mana murtii hir’achaa dhufuu kaasaniiru.
Naannichi qormaatilee keessa taa’ee hojiiwwan misoomaa milkaa’aa galmeessisuu isaa kan ibsan, Obbo Shimallis, muuxannoowwan gaarii bara hojichaatti mul’atan jajjabeessaa, hanqinaalee mul’atan sirreessaa bara hojii 2015’tti qindoominaa hawaasaatiin hojii caalmaa qabu hojjechuuf qophiin xumuramuu eeraniiru.
Milkaa’ina karoorichaatiif qaamooleen hawaasaa hundi tumsuu akka qabu dhaamaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase. Ragaan dabalataa Waajjira Preezidaantii Oromiyaarraa argame
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.