Fana: At a Speed of Life!

Bara 2014 keessa diinonni nu qoranis Ityoophiyaanotaan kaayyoon isaanii fashalaa’eera-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) – Bara darbe baandonni biyya keessaa fi diinonni seenaa walta’uun yoo nu qoranis Ityoophiyaanota biyya isaanii jaallataniin kaayyoon badii isaanii utuu hinmilkaa’in hafeera jechuun Ittaanaa Pireezidantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah dubbatan.

Obbo Adam bara haaraa 2015 ilaalchisuun Ityoophiyaanota maraaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, bara darbe biyyaa fi ummata fayyadamtoota taasisuuf milkaa’inaaleen gama hawaasummaa, diinagdee fi dippiloomaasiin galmaa’uu ibsaniiru.

Faallaa isaan diinonni seenaa Ityoophiyaa baandotaa fi ergamtoota walta’uun birmadummaa biyyaarraatti balaa fuullessanii akka ture kaasaniiru.

Ta’us, Ityoophiyaanonni hundi bilisummaa fi kabaja biyyaa eegsisuuf qabsoo taasisaniin kaayyoon badiisaa diinotaa akka hinmilkoofne taasisaniiru jedhan.

Kanaafis Ityoophiyaanonnii fi qaamoleen nageenyaa hunduu itti fufiinsaa Ityoophiyaa eegsisuun wareegama kaffalaaniif galateeffataniiru.

Qormaata darbuu kan dandeenyu garaagarummaa yaadaa fi dhimma keessoo adeemsa diimokiraatawaan mari’achuun furuudhaani jedhan.

Kanaafis Paartiin Badhaadhinaa paartilee siyaasaa biroo walta’uun hojjechuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa bara 2015’tti ga’umsa dhaabbatummaa paartichaa ijaaruu, tokkummaa fi naamusa keessoo paartii cimsuun gahee mootummaa hogganuu cimsuu akka bahatu eeraniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa badhaadhummaa saffisiisuuf tattaaffii taasifamuuf akkuma kanaan duraa paarticha cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachisaa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.