Fana: At a Speed of Life!

Balballi Itiyoophiyaatti cufame banamuun damichaaf carraa olaanaadha-Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Balballi Itiyoophiyaatti cufame banamuun damichaaf carraa olaanaa ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsan.

Ministeerichi raawwii baatiiwwan ja’an darbanii Magaalaa Walaayittaa Soodootti gamaaggamaa jira.

Dooktar Alamuu Siimeen waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, Geejjibni fi Loojistiksiin damee hundaaf murtessaa ta’uu isaan waloon hojjechuu barbachisa jedhan.

Haaluma kanaan yeroowwan darbanitti damee Geejjibaa fi Loojistiksiin hojiileen bu’aa qabeessaa ta’an hojjetamuu dubbataniiru.

Dorgomaa Idil Addunyaa ta’uuf miira yeroo hinqabnuutiin hojjechuun Itiyoophiyaa idaarraa gara miindaatti ceesisuun, karoora qabame hojiirra oolchuuf ejjennoo qabachuun akka barbaachisu eeraniiru.

Dooktar Alamuun, karra galaanaa argachuun damee geejjibaa fi loojistiksii kan guddisuu fi carraa olaanaa ta’uu ibsan.

Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Obbo Xilaahuun Kabbadaan gamaasaaniin, akka naannootti dandeetti invastimantii jiruun guutummaatti oomishuu yoo dandeenye, naannoo keenya qofaaf osoo hintaane, humna biyyaaf ta’uu dandeenya jedhan.

Mallas Taddalaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.