Fana: At a Speed of Life!

Balaawwan qaqqaban dandamachuu fi deebii laachuuf qophiin dandeessisu xumurame – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti balaawwan qaqqaban dandamachuu fi deebii laachuuf qophiin dandeessisu xumuramuu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin beeksiisan.
Koreen Ittisaa Balaa fi qophummaa biyyaalessaa ergama balaaf deebii laachuu fi deebisanii ijaaruu ilaalchisee Qaamolee Hojii Raawwachiiftuu mootummaa waliin bobbii hojiirratti mari’ataniiru.
Mootummaan yeroo ammaa humnoota diinarratti tarkaanfii cimaa fudhatu cimsee itti fufuu Walitti qabaan korichaa obbo Dammaqaa Makonniin ibsaniiru.
Garee shororkeessaa dhabamsiisuun cinaatti balaawwan uumamaa fi namtolchee qaqqaban dandamachuu fi deebii laachuuf tattaaffii hunda galeessaa taasiifamu qindoominaan hogganuuf qophiin barbaachisu xumuramuu kaasaniiru.
Iddoolee weeraramanii turan, yeroo ammaa harka garee shororkeessaa jiranii fi naannolee horsiisee bultootaatti hongee muudatu deebisanii ijaaruuf deeggarsa hunda galeessaaf xiyyeeffannoon addaa kan laatamu ta’uu eeraniiru.
Balaa uumamaa fi namtochee qaqqabuuf deebii laachuu fi deebisanii ijaaruuf qaamoleen hojii raawwachiisftuu mootummaa waloon hirmaannaa taasiisuu akka qaban dhaabamniiru.
Koreen Ittisaa Balaa fi qophummaa biyyaalessaa ergama balaaf deebii laachuu fi deebisanii ijaaruu ilaalchisee Qaamolee Hojii Raawwachiiftuu mootummaaf bobbii hojii ifaa laachuu ragaan Waajjira Itti aanaa Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.