Fana: At a Speed of Life!

Balaan lolaa Afrikaa Kibbaatti miidhaa olaanaa qaqqabsiisee hordofee Labsiin Yeroo Ariifachiisaa labsame

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) –Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan torbee darbe balaa lolaa bulchiinsa Kiwaaluuzuu-Naataalitti qaqqabe to’achuuf Labsii Yeroo Ariifachiisaa biyyoolessaa labsaniiru.

Preezdaantichi kaabinee biyyattii waliin balaa lolaa kana ilaalchisee marii erga taasisanii booda labsiin yeroo ariifachiisaa akka labsamuuf murtoo dabarsuu guyyaa kaleessaa televiizhinii biyyattiirratti haasaa taasisaniin beeksisaniiru.

Labsiin yeroo ariifachiisaa kun kana dura bulchiinsa Kiwaaluuzuu-Naataalitti labsamuun isaa ni yaadatama.

Sababni labsichi sadarkaa biyyoolessaatti labsamuun isaa miidhaa olaanaa balaan lolaa qaqqabsiisee sadarkaa naannootti to’achuun ulfaataa waan ta’eef jechuun Raamaafoosaan himaniiru.

Bulchiinsi Kiwaaluuzuu-Naataalitti balaa lolaa hamaa bara Faranjoota 1987 as kan keessummeesite ta’uu ibsaniiru.

Balaa kanaan namoonni 440 ol lubbuu isaanii kan dhaban yoo ta’uu, namoonni kumni 40 ol ammoo qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru.

Akkasumas manneen jireenyaa, iddoowwan daldalaa, daandiiwwaanii fi riqichoonni haala hamaa ta’een barbadaa’uu CGTN gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.