Fana: At a Speed of Life!

Balaa Tiraafikaan lubbuun namoota 9 darbe

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)- Godina Geediyoo Aanaa Corsootti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 9 darbuun ibsame.

Balichi konkolaataan fe’uumsa Diillaarraa gara Mooyyaaleetti imalaa ture akkasumas konkolaataan deddeebisaa ummaataa Doolfin jedhamu Diillaarraa gara Bulee Horaa imalaa ture, konkolaataa fe’umsaa Bulee Horaarraa gara Diillaatti imalaa tureen walitti bu’uun kan umame ta’uun ibsameera.

Balichaan lubbuun namoota 9 kan darbe yoo ta’u, namoonni miidhaan irra qaqqabee 4 immoo gara dhaabbata fayyatti geeffamuun wal’aansi taasifamaafii jiraachuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.