Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaan lubbuun namoota 5 darbe

Finfinnee, Amajjii 12, 2016 (FBC)- Godinaa Haragee Lixaa Aanaa Xulloo Magaalaa Dabbasootti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namootaa 5 darbe.

Balaa tiraafakaa mudatee kanaan namootaa 5 irraa miidhaa cimaa fi salphaan qaqqabuun eerameera.

Balichi konkolaataa fe’umsaa Dirree Dhawaarraa ka’uun gara Cirootti imalaa jiru hirmaattoota Ayyaana Qaanaa Galiilaa rukutuun ta’uun ibsameera.

Sababni balichaa Fireeniin konkolaataa cituun saffisaa isaa to’achuu dadhabuurraan ta’uun ibsameera.

Namootaa miidhaan irra qaqqabes Hospitaalota Ciroo fi Hirnaattii wal’aansi taasifamaafii jiraachuun eerameera.

Yohaannis Darriboowutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.